Beeksisni websaayiti kana irratti mul’atu kan ani itti maxxansee osoo hin ta’in WordPressitu itti maxxanse. Sababa websaayiti kana host godhaniif (keessumeessaniif) maallaqa argachuuf beeksisa (ad) itti maxxansu. Websaayiti beeksisa irraa bilisa ta’e daawwachuuf sammubani.com tuqaa.
Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 2
Laa ilaah illallah’n nama fayyaduuf sharxiwwan guuttamu qaban keessaa beekumsaa fi yaqiina jennee jirra. Namni waa’ee laa ilaah illallah yoo hin baratin, beekumsaa fi yaqiina argachuu danda’aa? Laa ilaah illallah rukni lama akka qabdu kutaa darbe keessatti ilaalle jirra: Nafiyy (dhabamsiisuu) fi isbaat (mirkaneessu)dha. Mee itti xinxalli, namni beekumsa malee kanniin lamaan beekun hojii irra oolchu danda’aa? Kanaafu, namni milkaa’uu fi azaaba jala nagaha bahuu barbaadu, sirriitti laa ilaah illallah beekuuf carraaqu qaba. Takkamaan hiika laa ilaah illallah sirritti hubachuu dhiisu dandeenya. Garuu akkuma barreefama dubbisnuu fi ibsaaf ragaa dabalataa ilaalluun sirritti hubachaa adeemna. Barreefamni kuni akka seensaati. Gara fuunduratti haala ajaa’ibaa fi salphaatin hiika laa ilaah illallah namni kamu hubachuu danda’uun akka dhiyeessinu ni abdanna. Kanaafu, nu waliin tura, nu hordofaa….
Itti haa fufnu…Hiika Laa İlaah İllallah-Kutaa 1
Akkuma yeroo darbe jenne hundeen Islaamaa Rabbii olta’aa tokkicha qofa gabbaruu fi wantoota Isaa gadi jiran hundatti mormuu fi gabbaruu irraa fagaachudha. Jecha biraatin, “Laa ilaah illallah” dha.
Itti haa fufnuTafsiira Suuratu Al-Hadiid
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid guutuu isaa buusuf liinki kana tuqaa: https://islaama.files.wordpress.com/2020/01/tafsiira-suuratu-al-hadiid-1.pdf
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-4
Hanga ammaatti Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu ilaalaa turreera. Fakkeenya kaasun Islaamni jireenya guutuun akka wal qabatu ilaalun keenya hiika “Laa ilaah illallah” haala salphaan akka hubannu nu gargaara. Ta’uu baannan, Islaama salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf irratti yoo daangeessine, waa baay’ee dhabna. Islaamni jireenya guutuun akka wal qabatu fudhannee yoo itti bulle qofa gammachuu fi milkaa’inna barbaannu arganna. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa haa ilaallu.
Itti Haa fufnuuIslaamni Jireenya Guutuun Wal-qabata-Kutaa-3
Kutaa darbe keessatti hariiroo Islaamaa fi siyaasa, Islaamaa fi diinagdee jidduu jiruu fakkeenya muraasa kaasun ilaalle jirra. Har’as itti fufun Islaamaa fi hawaasummaa jidduu hariiroo jiru ni laalla. Kuni hubannoo nuti Islaamaaf qabnu akka bal’isu taasisa.
Itti Haa fufnuIslaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-2
Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu ragaa agarsiisu fakkeenya muraasaan haa ilaallu:
Itti Haa fufnuIslaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa 1
Kutaa darbe keessatti Islaamni karaa tokkicha qajeelaa gammachuu fi milkaa’innaatti nama geessu jennee jirra. Karaan qajeelaan kuni dhimma dhuunfaa irraa kaasee hanga mootummaa gahutti seeraa fi qajeelcha of danda’e kan qabuudha. Karaan qajeelaan kuni nama tokko ykn saba tokkoof qofa osoo hin ta’in hawaasa addunyaa guutuuf kan ta’uudha. Garuu namoonni baay’een waa’ee Islaamaa ilaalchise yaada dogongora sammuu keessatti waan biqilchaniif Islaamni karaa qajeelaa tokkicha gammachuutti isaan geessu ta’uu hin argine. Mee yaada dogongoraa kana haa ilaallu:
Itti haa FufnuIslaama-Karaa Qajeelaa
Islaamni osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin osoo homaa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennu, gadi jechuu fi masakamu waan ta’eef amantii Nabiyyoota hundaati. Nabiyyoonni hundi osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennanii jiru. Yommuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin (aleyh salaam) akka Isaaf harka kennuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessu ajaju Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:
Itti haa fufnuIslaama Jechuun Maal jechuudhaa?
Tawhiinni hundee amantiiti. Wanta jalqabaa namoota itti waamu qabnuudha. Yoo tawhiida kana fudhatan wanta isa booda jiru kan akka salaata, zakaa fi kan birootti ni waamna. Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu Mu’aaziin gara Yaman ergan akkana jedhaniin:
Itti Haa fufnuUlaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 3
Islaamni Laa ilaah illallah irratti kan ijaarrameedha. Kanaafi, Islaamni amanti tokkicha haqa ta’eedha, amantiiwwan biroo immoo baaxila. Sababni isaas, Islaamni osoo homaa itti hin qindeessin Rabbii Tokkicha gabbaruutti namoota waama. Wantoota Rabbii olta’aan alatti waaqefataman hunda garmalee balaalefata, guutumaan guututti dhoowwa. Amantiwwan biroo immoo akkanaa miti. Amantiin gariin muka, dhagaa, siidaa fi kkf waaqefachuutti nama waamu. Gariin ilma namaa, malaykoota fi uumamtoota biroo waaqefachuutti nama waamu. Dhugumatti, kuni amantiwwan kunniin baaxila akka ta’an ifaan ifatti mul’isa. Wanta nama hin fayyannee fi hin miine gabbaruun (waaqefachuun) haqa moo soba jettuun yaa jarana? Rabbii Tokkicha waan hundaa beeku, arguu, nama fayyaduu fi miidhu danda’u, rakkoo namarraa deebisuu danda’u qofa gabbaruun haqa sammuun nagaha mormuu hin dandeenyedha. Kanaafi, jechi “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” jedhu haqa haqa hunda caaludha. Namni jecha tanaan adabbii Rabbii olta’aa jalaa nagaha baha. Namni jecha tana jedhu adabbii jalaa bahuu fi Jannata seenuuf ulaagaalee guutuu qabu yeroo darbe jalqabne jirra. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa ni ilaalla.
Itti Haa fufnu