Tafsiira Suuratu Al-Qiyaamah, Al-Insaan, Al-Mursalaat, An-Naba’i, An-Naazi’at

Qur’aanni wanta qoma keessa jiruuf qoricha. Warroota amananiif qajeelfamaa fi rahmata. Qur’aanni qoricha, qajeelfamaa fi rahmata kan ta’u yoo isa baratan, hubatanii fi hojii irra oolchaniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’e, namoonni baay’een Qur’aana osoo hin baratin hafuu danda’u. Bakka duwwaa kana dhiphisuuf Sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti aayata Qur’aanaa hanga danda’ameen kitaabban tafsiira beekkamoo irraa ibsaa turreera. Mee ammas, Suurah Qur’aanaa keessaa ibsa suuralee (boqonnaalee) shanii haa ilaallu. Suuraleen tunniin dhimma Guyyaa Qiyaamaatin waan wal-qabataniif iimaana namaa ni jabeessu. Laa hawla walaa quwwata illa billah. Buusuf linkii kana tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tafsiira-suuratu-al-qiyaamaaal-insaan-mursalaat-naba-fi-naaziaat.pdf

Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-kutaa 2

2ffaa- Dhugummaa Ergamaa Rabbii (SAW) Eenyummaa, amalaa fi adeemsa isaatiin agarsiisu
Kutaa darbe keessatti ragaalee Ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu itti agarsiisan ilaaluuf yaalle turre. Tuqaalee afur keessaa kan jalqaba ilaalleerra. Innis haqiiqa ergaa inni fide itti xinxallu fi hubachuudha. Har’a immoo eenyummaa, amalaa fi adeemsa isaa qorachuun inni dhugaan Ergamaa Rabbii akka ta’e dhugoomsun ni danda’ama. Eenyummaa Ergamtoota Rabbii osoo qoranne, amala fi adeemsa isaanitiin eenyullee isaaniin wal dorgomuu hin danda’u. Amalli isaanii guutuu fi adeemsi isaanii karaa sirrii irra kan ta’eedha. Sababni isaas, Rabbiin dogongoraa fi badii hojjachuu irraa isaan eegee jira. Ergamtootan ala haala nama kamiyyu yoo qoranne hanqinni wayi isa biratti ni mul’ata. Hanga fedhe nama amala gaarii qabu, gamnaa fi sadarka ol’aanaa irra jiru haa ta’u, cinaa tokkoon dogongorri wayii irraa hin dhabamu.

Dabalata dubbisi

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 5ffaa

Dhalli namaa erga addunya tana irra dhufee booda karaalee gammachuu fi tasgabbii ittiin argatuun halkanii guyyaa barbaada. Daa’ima xiqqaa irraa kaase hanga jaarsa dulloomaa gahuutti ilmi namaa hundii tasgabbii adamsa. Garuu tasgabbii kana eessaa argachuu danda’aa? Akkuma bishaanii lafaa waraabu danda’aa? Eeti, osoo bishaan kuni samii irraa bu’uu baate silaa wanta bishaan jedhamu hin argatu ture. Bishaan samii irraa buusun lafa keessa kan tursiisu Rabbii olta’aa akka ta’e hundii keenyaa ni amanna. Tasgabbii fi gammachuun namni hunduu dheebotu qalbii irratti buusun qalbii keessa kan tursiisu Rabbiin malee ni jiraa? Osoo tasgabbii fi gammachuun akka fedhii keenyatti bakka tokkoo kan waraabbamu ta’ee silaa hundi keenyaa ni waraabbannaa turre. Garuu tasgabbii fi gammachuu qalbii namaa irratti kan buusu Rabbii Tokkicha. Eeti, wanta qaali garmalee barbaadamu kana Rabbiin akkanumatti cal’isee nama hundaa irratti hin buusu. Ulaagaalee itti buusu kaa’ee jira. Ulaagaaleen kunniinis iimaanaa fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Iimaana keessaa Rabbitti shakkii tokko malee amanuun bu’uura amantiitii fi jireenyati. Continue reading

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 4ffaa

Dhalli namaa jireenya keessatti keessa ofii faayun jireenya gammachuu fi milkaa’innaa gaggeessu barbaada. Salphinnaa fi xiqqeenya irraa baraaramuun fiixee kabajaa fi sadarka ol’aana irra gahuuf namni kamiyyuu ni hawwa. Kana galmaan gahuuf hundi keenya karaa adda addaatiin ni carraaqna. Garuu baay’een keenya wanta yaanne kana galmaan osoo hin gahin ni hafna. Sababni kanaa maal akka ta’ee beeknaa sila? Sababni kanaa guddaan karaa sirrii gammachuu, kabajaa fi fiixee milkaa’innatti nama geessu hordofu dhiisudha. Namni tokko addunyaa tana keessatti kabajamee fi gammachuun jiraachuuf lubbuu (nafsee) ofii beeku qaba. “Ani eessaa dhufee? Eenyutu na uumee? Maaliif addunyaa tana keessa jiraadha? Eessa deemaa jira? Hanqinni ani qabu maalii?” jechuun of gaafata. Kuni hundii gara kaayyoo guddaa tokkotti isa dhiiba. Innis, “Gooftaa isaa beekudha.” “Man arafa Rabbahu arafa nafsahu (namni Rabbii ofii beeke lubbuu ofii beeke)” jedhan gamnoonni. Sababni kanaa, namni akkuma Rabbii ofii beekuuf carraaqun, eessa akka jiruu fi maaliif akka jiraatu beekaa adeema. Kuni immoo fiixee milkaa’innaa fi gammachuu inni gonkumaa hin yaannetti isa geessa. Continue reading

Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa

Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi itti buluun burqaa gammachuu eessattu hin argamneedha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” Dhuguma jedhan, namni akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun tasgabbiin qalbii isaa keessa diriira. Yommuu namoonni dhiphinnaa fi sodaan gubatan inni immoo jireenya gammachuu jiraata. Continue reading

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 1ffaa

Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaama ilaalle turre. Har’as itti fufuun harkaana (hundeewwan) iimaanaa jahan tokkoon tokkoon ni ilaalla. Hundeewwan iimaanaa jahan kanniini: Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha. Continue reading

Iimaanaa fi Barbaachisummaa Isaa

Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa ilaalle turre. Iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanuu fi wanta qalbiin amanan san dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf namni “Rabbii olta’etti amanee jira” jedhu, Rabbii fi wantoota Rabbiin beeksisetti amanuu, wanta Rabbiin itti ajajee dubbachuu fi hojjachuu, akkasumas wanta irraa dhoowwe dhiisun isarraa eeggama.Yoo kana hojjate namni kuni iimaanaa qabaa jechuudha. Bal’innaan waa’ee iimaanaa hubachuuf kutaalee darban irraa dubbisuun gaarii ta’a. In sha Allah, har’a kan ilaallu barbaachisummaa iimaanati fi akkamitti qalbii keessatti hidda akka qabsiisaniidha. Continue reading

İimaana jechuun maal jechuudhaa?

Baay’een keenya waa’ee iimaanaa ni haasofna. Iimaanaa dabalachuuf ni carraaqna. Garuu ma’anaa (hiika) isaa ni beeknaa? Dhugumatti, iimaanaa jechuun maal jechuudhaa? Iimaanni qalbii qofa irratti daangeefamu danda’aa? Namni hiika iimaanaa madda sirrii irraa yoo beeke fi hojii irra oolche, jireenya gammachuu fi mi’aawa jiraata. Sababni isaas, namni mi’aa iimaanaa argate, jireenya tasgabboofte jiraataa. Mi’aa iimaanaa dhandhamuuf hiika isaa beeku fi hojii irra oolchuf tattaafachuu qabnaa miti ree? Har’a yoo Rabbi fedhe, madda sirrii fi hayyoota Islaamaa beekkamoo wabii godhachuun hiika iimaanaa beekuf ni tattaafanna. Kanaafu imaanaa jechuun maal jechuudhaa? Continue reading

Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf-kutaa 3ffaa

Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru. Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta’an deebii waliin mee haa ilaallu. Continue reading