Kitaabban

Isin keessa Mallattoo jira, itti hin xinxallitanii?

Rabbii uumama namaa biyyee irraa jalqabeef galanni haa galu. Ergasii sanyii namaa bishaan dadhabaa irraa uumuun horteen isaanii akka itti fufuu taasise. Dhiiraa fi dhalaa taasisuun uumama namaatiif sababa akka ta’an godhe. Garuu kan uumuu, suuraa namaa sirreessu fi baraachessu Rabbii Tokkicha fakkaataa fi hiriyyaa hin qabneedha. Uumamni nama uumama ajaa’iba Tokkichummaa, Dandeetti, beekumsaa fi Ogummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Namni uumama xiqqaa wanti baay’een isa keessa jiruudha. Saayintistoonni uumama kana qorachuun guutumaan guututti beeku hin dandeenye. Wanti isaan hanga ammaa beekan wanta xiqqoodha malee wanta guutuu ta’ee miti. Saayintistoonni uumama namaa kana qoratanis, ijaarsi namaa kuni wanta ofiin of ijaaruu fi tasa ta’uu osoo hin ta’in duubaan Humni Guddaan isa ijaaru akka jiru ni amanu. Hundema wanti akkanatti xaxamaa ta’ee fi tartiiba isaa qabate gonkumaan ofiin of ijaaru hin danda’u. Kanaafu, kuni hundi gara Rabbii olta’aa akeeku. Asi gadiitti barruulee waa’ee uumama namaa sammubani.com irratti barraa’an walitti qabamuun haala kitaabatiin dhiyeefamanii jiru. Buusuf linkii tana tuqaa:
https://sammubani.files.wordpress.com/2019/04/isin-keessa-mallato-jira-2.pdf

Akkaataa Qur’aanni itti buufamee fi Walitti Qabame

Ilmi namaa jireenya keessatti qajeelchaa isa barbaachisa. Qajeelchi kunis dogongora kan hin qabnee fi gammachuuf milkaa’innatti kan isa baasu ta’uu qaba. Namni hanga fedhe beekumsaa fi dandeetti haa qabaatu, beekumsi isaa hanquu waan ta’eef kitaaba ilma namaa hundaaf qajeelfama ta’uu barreessu hin danda’u. Kanaafu, namni kitaaba qulqulluu dogongora irraa bilisa ta’e, gammachuu fi milkaa’innatti isa qajeelchu eessaa argachuu danda’aa? Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa hundaa kan uumeedha. Haala isaanii, wanta isaan fayyaduu fi miidhu hunda ni beekaa. Beekumsi Rabbii guutuu waan ta’eef hojii hojjatu keessatti gonkumaa hin dogongoru. Kanaafu, kitaabni dhugaan gara gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu danda’u Kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha. Akkaata Qur’aanni itti buufamee fi walitti qabame sammubani.com irratti ilaalaa turreerra. Barruuleen sunniin walitti qabamuun kunoo haala kitaabaatiin dubbistootaaf dhiyeefamanii jiru. Liinki armaan gadi tuquun kitaaba kana buusu dandeessu: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/04/akkaataa-quraanni-itti-buufamee-fi-walitti-qabame.pdf

Tawbah-Karaa dhiphinnaa fi gadda keessaa gara bal’innaa fi gammachuu itti bahan

Jireenya keessatti namoonni sababa adda addaa irraa kan ka’e rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Namoonni gariin sababa kana beekun furmaata barbaadatu. Gariin immoo akkasumatti haaluma keessa jiran itti fufu. Sababoota rakkinnaa fi dhiphinna namatti fidan keessaa guddaan badii hojjachuudha. Badii kana irraa qulqulla’anii jireenya gammachuu jiraachuuf furmaanni guddaan tawbahdha. Waa’ee tawbah ilaalchise kitaabni armaan haala gaariin ibsa. Downlod gochuun itti fayyadamuu dandeessu:
https://sammubani.files.wordpress.com/2019/04/tawbaa.pdf

Gaa’ila (Fuudhaa Heeruma) Islaamaa

Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin ykn fuudhaa heerumatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. Kitaaba kana keessatti, waa’een gaa’ila (fuudhaa heeruma) Qur’aanaa fi hadiisa wabii godhachuun haala salphaan ibsame jira. Linkii kana tuquun buusu dandeessu: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/03/gaaila-islaamaa.pdf

In sha Allah kitaabban dabalataa asitti ni maxxanfamu…

6 thoughts on “Kitaabban

Leave a reply to sammubani Cancel reply