Rizqii halaala ykn haraama gochuun aangoo nama osoo hin ta’in aangoo Khaaliqaati (subhaanahu wa ta’aalaa)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ar-Razzaaq erga ta’ee fi wantoonni dachi keessa jiran hundi kan Inni uumee erga ta’anii, namni hanga fedhe haa qabaatu wanta Rabbiin haraama godhee halaala gochuu hin danda’u. Ammas wanta Inni halaala godhe namni haraama gochuu hin danda’u. Sababni isaas, wanta tokko haraamaa fi halaala gochuun hojii Gooftaa qofa. Namni kana keessatti Isaan morkate, Gooftummaa Isaa keessatti shirkii hojjate jira. Namni wanta Rabbiin haraama godhe halaalessu ykn wanta halaala godhe haraama godhu keessatti osoo beeku itti gammadee makhluuqaaf ajajamee, Rabbii gaditti makhluuqa kana gooftaa godhatee jira. Fakkeenyaaf, Qeeysonni wanta Rabbiin haraamaa hin goone haraama godhu ykn wanta Rabbiin olta’aan halaalaa hin goone halaala godhu. Namni osoo beeku itti gammadee qeeysotaf ajajamee Rabbii gaditti qeeysota gooftaa godhatee jira. Qur’aana keessatti ni jedha:

Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan, akkasumas Masiih ilma Mariyamis [gooftaa godhatan]. Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Suuratu At-Tawbaa 9:31

Asi oliitti “gooftoleen” danuu (hedduminna) “gooftaa” ta’a. Kiristaanonni fi Yahuudonni, “Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan”. Aayah tana hubachuuf mee gara hadiisaa haa deebinu. Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman Adiyy ibn Haatim Kiristaana ture. Yommuu Islaamawuf Nabiyyii bira dhufe akkana jedha: “Morma kiyya irratti maskala warqii rarraafadhe gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufe. Nabiyyinis ni jedhan, “Yaa Adiyy! Taabota kana morma keetirraa darbi.” Anis ni darbe. Suuratu Tawbaa irraa aayah tana osoo dubbisuu isatti dhufe: “Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan” Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! nuti isaan hin gabbarru.” Nabiyyinis ni jedhan, “Wanta Rabbiin halaala godhe haraamaa hin godhanii? Isinis [isaaniif ajajamuun] haraama gootu. Ammas, wanta Rabbiin haraama godhe halaala hin godhanii? Isinis halaala gootu.” Anis ni jedhe, “Eeyyen.” Innis ni jedhe, “Kuni isaan gabbaruudha.”[1]

Kuni haala Kiristaanotaa fi Yahuudotaati. Ragaa Rabbiin irraa dhufe osoo hin qabaatin, qeeysotaa fi paappasota hordofu. Wanta Rabbiin haraama godhe qeeysonni, paappasonni fi molokseen isaaniif halaala godhu. Ykn wanta Rabbiin halaala godhe haraama godhu. Ummanniis isaaniif ajajama. Ammas, seera Rabbiin amanti keessatti hin buusne, isaaniif kaa’u. Akkaataa ibaadaa itti hojjatan kan Rabbiin hin ajajne paapasonni kunniin ajaju. Fkn, namni tawbachuu barbaadu, qeeysi bira deemee cuubaa, luka dhiqu fi wanta biraa hojjata. Akkasumas, ummanni Kiristaanaa ifa beekumsaa dhaban qeeysotaaf gadi of qabanii masqala dhungatu. Dhugumatti kuni gooftaa isaan godhachuudha. Hundemaa Gooftaan kan namoonni isaaf ajajamanii fi isaaf of gadi qabaniidha. Sadaqallahul aziim (Rabbiin Guddaan dhugaa dubbate).

Akkasumas, Iyyasuusin gooftaa akka godhatan wanta beekkamudha. Garuu namoonni kunniin ajaja Rabbii isaan uume faallessanii jiru. “Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ergamtoota erguun, “Gabbaramaa Tokkicha gabbaraa, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru.” jechuun isaan ajaje. Gabbarrii fi ajajamu Isa qofaaf akka qulqulleessan, jaalala, garmalee ol guddisuu, gadi jechuu fi kadhaa Isa qofaaf akka godhan ajajaman. Garuu isaan ajaja Rabbii dugda duubatti darbuun Isa waliin wanta biraa gabbaru. Isa qofaaf gadi jechuu fi ajajamu dhiisanii qeeysota, paappasota fi molokseef gadi of qabu, isaaniif ajajamu. “Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Wanta isaan Isa waliin gabbaranii fi kabajaaf guddinna Isaatiif wanta hin malle kan isaan jedhan irraa Inni qulqullaa’e. “Rabbiin ilma qaba” jedhan. Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e olta’e.

Wanti asirraa hubannu, hayyootaa fi hoggantoota beekumsaa fi ragaa malee hordofuu dhiisudha. Hayyoonni fi hoggantoonni wanta tokko haraama ykn halaala yoo jedhan, “ragaa keessan fidadhaa” isaaniin jechuudha. Ragaan isaan fidan Qur’aanaa fi Sunnah irratti yoo hundaa’e, suni waa tole, wanta isaan jedhan fudhachuudha. Garuu yoo ragaa hin qabaatinii fi wanti isaan jedhan Qur’aanaa fi Sunnah kan faallessu yoo ta’ee, “achumatti” isaanin jechuun irraa fagaachudha. Ta’uu baannan, ragaa fi beekumsa malee isaaniif ajajamuun akka namoota armaan olii taana. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu.

[1] Tafsiiru Xabari– -11/417-418

One thought on “Rizqii halaala ykn haraama gochuun aangoo nama osoo hin ta’in aangoo Khaaliqaati (subhaanahu wa ta’aalaa)

  1. Pingback: Dubbii Iimaana diigu-Kutaa 2 - Ibsaa Jireenyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s